Scholarship Kana dagatte yoo ta'e hin argattu!!!
Kana dubbisuun yeroo muraasa si fudhata garuu yoo
dubbisin garuu umurii kee guutuu dhamaatii bu'aa hin qabne dhamaata!!!
Kun soba tokko illee of keessaa hin qabu karaa malee yoo
deemte galma kee hin geessu! Kanaaf adaraa obsa godhachuun dubbisi si
milkeessaa!!!
Tartiiba sirriitti hordofuu qabdu kanaa gadii hubannoodhaan
dubbisuu qabda. Wantoonnii barbaachisaa kun kan waliigalaa fi kanneen adda
addaa jechuun bakka lamatti qooduun ilaallamu.
1. Qabxii gaarii qabachuuf carraaqi.
Dhugaan isaa qabxii gaariin murteessadha kana jechuun garuu gaa'adhaa
fi yoo hin qabdu ta'e immoo carraa iskoolaarshiippii argachuun hin dandaa'amu
jechuu miti. Qabxii gaarii gaariin ulaagaa barbaachisu akka jalqabuuf si
barbaachisa garuu si jalqabsiisa malee sin xumursiisu. Qabxii gaarii yoo hin
qabaachuu dandeessa garuu kanneen gadii malee bu'aa siif hin qabaatu.
2. Hojii tola ooltummaa.
Iskoolaarshiippii baay'een hojii tola ooltummaa qabaachuu kee si gaafatu. Hanga sadarkaa Univarsitiitti yookaan barnoota qophaa'inaatti barattee jirtta ta'a. Garuu hojii tola ooltummaa tokko illee hin qabdu yoo ta'e ammuma irraa kaastee of gaafadhu. Kun rakkoo keenya yeroo baay'ee akka ta'e hubadhu.
Umuriin kee meeqa? Natti hin himin ofii ketti himi. Yeroo jiraatte keessatti hojii tola ooltummaa akka hin hojjenneef maaltu si dhorke? Ofiif deebisi. Umurii barnoota irratti dabarsitee jirta. Akkaataa sadarkaa barnoota keetti tarii waggaa 20 yoo taate maaltu ta'aa akka jiru beektaa?
Muuxannoo tokko malee mana
digdamoota keessa seenteetta.Amma irraa jalqabii dammaqi. Muuxannoo hojii
jechuun maal akka ta'e beektaa? Muuxannon hojii kan kaffaltii qabus kan hin
qabnes ta'uu danda'a.
Muuxannoo hojii jechuun: Sadarkaa ati irraa hojjattu, qarshii meeqa akka argattu, siif kaffalamu jechuus miti.
2. Xalayaa kaka'umsaa (motivational letter).
Iskoolaarshiippii kan ati argattuuf hiyyeessa waan taateef miti. Yeroo hedduu kan raawwatamu garuu faallaa isa kanati. Iskoolaarshiippii kan ati argattu waan siif maluufi ykn siif kennamuun waan ta'uufi.
As irratti wanti hubatamuu qabu ani homaa hin qabu, ani akkasii, ani rakkoo akkasiin qaba jettee barreessuun (gara-laafummaa argachuuf yaaluun) gowwummaadha. Waan siif maluuf argachuu qabda.
Biyyoonni lixaa akka keenya otoo hin taane sirna kaappitaalizimii jala waan turaniif sababa ga'aatti malee jechoota gara laafummaatti hin amanan. Nuti garuu kana otuu hin hubatin waraqaa yammuu barreessinu fudhatamummaa dhabna.
Furmaati isaa sababa ga'aa iskoolaarshiippiin kun naaf kennamuu qaba jedhu dhiyeessuudha. Maaliif iskoolaarshiippiin kun siif kennama? Maaliif namoota kaan dursita. Kana gaaffiin isaani inni hin mul'anne. Nama umurii soddoma taate ani maatii hin qabu jettee barreessuun isaan amansiisuuf hin dhama'in. Sababni isaa kun iskoolaarshiippii akka argattuuf sababa ta'uu hin danda'u. ("Please don't express your personal problem seeking for the sympathy").
Sana irra namoota naan dorgomman hundumaa sababa kana kanaan caalaa kanaaf iskoolaarshiippiin kun naaf kennamuu qaba qaba jettee barreessuun amansiisuu danda'uu qabda. ( Fakkeenya xalayaa kaka'umsaa argachuuf as tuqi).
Gara-laafummaa otuu hin taane dandeettii kee agarsiisuuf yaali. Rakkoo
kee karaa ittiin furuuf jirtuun ibsi malee Gara-laafummaa barbaachaaf hin
ibsin. Sana booda gara hawaasa keetti deebi'uun rakkoo hawaasichaa akka furtu
ibsi.
4. Xalayaa deggersaa ( Recommendation letter)
Pirofeesara ykn barsiisaa kee irraa xalayaa deggersaa eenyummaa kee fi dandeettii kee sirriitti ibsu argachuu qabda. Yeroo baay'ee rakkoo barsiisaa Keeniyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu danda'uu qabna. Kun garuu eenyuun iyyuu otoo hin taane ofii keenyaa furuu danda'uu qabna(akkamitti walitti dhufeenya gaarii uumuun danda'ama dubbisuuf.
Qaamaan bira geessee haala bareedaan
akka siif barreessu itti himachuu qabda. Maqaa iskoolaarshiippii sana
barreessuun sababa ga'aa wajjin argachuuf siif akka malu siif barreessuu qaba.
5. Qormaata seensaa.
Qormaata dandeettii afaan Ingiliffaa (fakkeenyaaf GRE, GMAT, TOFLE, GCAT) yoo dandeettii qabaatte fudhadhu. Yoo hin qabaatin garuu kanneen qormaata dandeettii afaan Ingiliffaa hin gaafanne hordofuu dandeessa.
Haa ta'u malee carraan isaanis akkasuma muraasa. Kanneen kaffaltii dorgommii duraa(application fee) gaafatanis ni jiru. Isaaniin ala garuu carraa bilisaa galmaa'uu kan kennanis baay'een akka jiran hin dagatin ( Linkii isaanii iddoo tokkotti argachuuf as tuqi).
Iskoolaarshiippiin biyyoota Awurooppaa persentiin 99% kaffaltii dorgommii duraa hin qaban. Akkasumas iskoolaarshiippiin hundinuu qormaata seensaa kan dhuunfaa isaanii ni qabu isaan kanas haalaan hojjechuu qabda. Dhuma irratti kana hundumaa erga guuttattee booda Linkii ittiin galmooftuuf rakkoo tokko malee wenbsayiiti kanarraa irratti comment iddoo gadii irratti nuuf barreessi!
Barreeffamni kun si gargaaree jiraa? Yoo si gargaare
ta'e yaada komentii(comment) irratti barreessi gara fuula duraatti gaaffii wanta
sitti ta'us nuuf barreessi. Galatoomi!!!
Baay'ee gaariidha. Jabaaadhu.
ReplyDeleteGALATOOMI. NUUF JIRAADHU!
ReplyDeleteGALATOOMAA!
Delete