ATI MAAL JETTA? KAAYYOON JIREEYNAA SALPHAATTI HUBACHUUF.

  ATI MAAL JETTA? KAAYYOON JIREEYNAA SALPHAATTI HUBACHUUF.



Namoonnni lama magaalaa Finfinnee irra gara lixaatti pirojektii ijaaruuf adeemsa jiru. Karaa gara lixaatti hedduu erga deemanii booda inni tokko isa kaaniin yaada amatu gara koo dhufee jira jedheen inni kaanis natti himikaa jedheen. Sana booda wantoonni kun inni tokko nama gammachiisa inni kan biraan ammoo kan nama gaddisiisuudha jedheen. Inni nama gammachiisa

 

Waa'ee kaayyoo jireenyaa kitaabilee fi maxxansaawwan garagaraa dubbistee jiraachuu dandeessa. Kitaabileen ykn maxxansaawwan kanneen kaayyoo qabaachuu qabda siin jedhu. Wanti dhokataan garuu akkamitti kaayyoo akka qabaattuu fi akka hojiitti hiikuu sin tartiibaan kan si barsiisan miti. Barreeffamni kun garuu faallaa isaan kanaa tartiibaan maal gochuun akka siif ta'u kan si agarsiisa. Obsaan dubbisuun bu'aa dhugaa buufadhu.

 

 Nama kaayyoo hin qabne jechuun eessa ga'uuf akka deemu nama hin beekne jechuudha. Isaan kaan immoo Kaayyoon koo kana ykn sana milkaa'inan xumuruudha jedhu. Kaayyoon kun karooraa yoo hin hoogganamin gonkumayyuu faara milkaa'inaa hin qabu.

Kanaaf barreeffamni kun guutummaatti kaayyoo jireenya keetii hin beektu yoo ta'e 100% kaayyoo jireenya akka si habachiisu waadaan siif seena. Ati garuu hanga xumuraatti dubbisuun wantoota gochuun sirraa eegamu raawwachuudha. Dubbisa gaarii!!

 

Kaayyoo jireenya keetii beekuuf gaaffii waan gaditti siif kennan bilisa ta'uun waraqaa barachuun erga barreessite booda deebii isaanii deebisuu qofaatu sirraa eegama. Hubadhu kan ati deebistu maatiin kee, hiriyoonni kee ykn namoonni naannoo kee kan si ergan miti kan deebistu. Ofii keetii kan barbaadu qofa. Sana booda ija keen utuu argituu kaayyoo jireenya keetii maal akka ta'e beektaa.

Gaaffii 1

Maal hojjechuu barbaadda?

Maal hojjechuu barbaadda jechuun gara fuula duraatti. Nama bizinesii ta'uumoo, baratee xumurtee hojii ta'een qacaramuumoo waan baay'ee barreessuu dandeessa. Waan baay'ee hojjechuu barbaadda ta'uu danda'a hundumaa isaa barreessi, tokkos yoo ta'e isuma barreessi.

Gaaffii 2

Maal ta'uu barbaadda?

Fakkeenyaaf waggaa shan booda Injineerii ta'uun barbaada, sana biratti immoo bizinesii dhuunfa koo qabaachuun barbaadda fi kkf jechuu dandeessa. Yeroon isaa daangaa hin qabu maal ta'uu akka barbaaddu qofa barreessi.

Gaaffii 3

Maal qabaachuu barbaadda?

Gaaffiin kun qabeenya wajjin kan wal qabatuudha. Qabeenya akkamii? Konkolaataa akkamii? Qabeenya hammamii? Qabaachuu barbaadda? Baay'ee ta'uu danda'a hunduma barreessi.

Gaaffii 4

Maal taate argamu barbaadda?

Kun gaaffii saaykoloojii wajjin walqabatudha. Ani yeroo hanganaa booda nama ofitti amanamummaa guutuu qabu ta'uun barbaada, namootaa wajjin kan waliigalu, gammadaa, beekamaa, namoota biratti kan kabajamu. Waan taatee argamuu barbaaddu hunda barreessi.

Gaaffii 5

Eessa deemuu feeta(barbaadda)

Fakkeenyaaf namni tokko Itiyoophiyaa yoo jiraate gara biyya ambaa deemee bashannanni, gara magaalaa tokkoo deemee pirojektii ta'e hojjachuuf. Yaadi baay'een siif dhufuu danda'a hunduma isaa barreessi.

 Kutaa 2

Gaaffiiwwan olitti barreeffamaniif deebii isaanii erga deebiteen booda tokko tokkoon isaanii fuula duraatti yoom milkeessuu akka dandeessu yeroo itti raawwatamu barreessi. Karooraa dhugaa karoorsi(qajeelfama ittiin karoora hojiitti hiikamu baruuf as tuqi). Yeroo hagamii keessatti akka milkeessuu dandeessu barreessi.

 

Fakkeenyaaf namni tokko faarmaazii baradhee qacaramee akkasumas kilinika dhuunfaa koo qabaachuun barbaada jechuu danda'a. Kana yommuu jedhu namni kun barataa Yuunivarsiitii yoo ta'e baratee xumuree eebbifamuun sana booda hojii jalqabuun muuxannoo erga kuufatee booda ta'uu danda'a. Kunis waggoota ja'a ykn torba itti fudhachuu danda'a. Nama barnoota sadarkaa lammaffaa irratti argamu tokko immoo waggaa kudhan fi isaa ol itti fudhachuu danda'a. Akkasuma immoo nama eebbifame hojjechaa jiru waggaa lama ykn sadii itti fudhachuu danda'a.

Akkaataa umurii fi sadarkaa irra jiruutti nama hundumaaf yeroo garagaraa ta'a. Kana booda haalli gara fuula duraatti jiru bifa fakkiitiin sammuu kee keessatti uummamu jalqaba.

 

Yeroo itti raawwatamu erga barreessiteen booda akkataa dheerina yeroo isaan fudhatanin addaan qoqqoodi.

1. Karoora yeroo gabaabaa

Waggaa tokko ykn bara kana keessa kanneen milkaa'an.

2. Karoora yeroo giddu-galeessaa

Waggoota sadii keessatti kanneen raawwataman.

3. Karoora yeroo dheeraa

Waggoota shan keessatti kanneen milkaa'an.

Isaan waggoota shanii olii immoo kaayyoo jireenyaa jechuun addaan baasi.


Kaayyoon jireenyaa armaan olitti barreeffaman kunneen yeroodhaa gara yerootti kanneen fooyya'an, kan sirreeffamaniidha malee akka dhaabbatanitti kan hafan seera uumaa miti. Yeroo itti dabaluun.barbaachisu ni jira akkasumas yoo kan ulfaatau ta'e yeroon itti irraa hir'famus ni jira.

Hiikaan olitti ibuuf yaalame kan namni tokko umurii jiraatu keessatti akkasitti hojjechuun ykn akkasitti jiraaachuun qaba jechuun murteeffatuudha. Akkaataa haala addunyaa kanaatti yoo ilaalle garuu aayyoon jiraachuu maal akka ta'e hubachuun haalan rakkisaa kan ta'ee fi beektota hedduu kan walfalmisiiseedha. 

 YEROO KEE SAPHAATTI QINDEESSUUN BU'A QABESSA TA'UUF AS TUQI

Post a Comment

Previous Post Next Post