Akkamitti Hariiroo gaarii pirofeesara kee wajjin uumuu dandeessa.
Hojii
koolleejjii keessatti qabdu irratti eenyutu baay'ee si gargaara? Pirofeesara
gosa barnootaa keeti! Isaanii wajjin wal baruuf yaaluun yaada gaariidha.
Sababni isaas pirofeesarri kee gosa
barnootaa sana qofaaf otoo hin taane kuusaa odeeffannoo baay'eeti. Eenyu akka
nama qacaruu danda'u. Hariiroo gaarii pirofeesara kee wajjin yoo qabaatte
xalayaa deggersa (recommendation letter) akka siif barreessuuf gaafachuu
dandeessa.
Akkasumas
ogeessota industirii waan ta'aniif yoo dipartimentii hawwii kee hordofan yoo
jiraatte pirofeesara kee wajjin hariiroo gaarii uumuuf yoomiyyuu duuba hin
deebi'in. Hariiroo gaarii uumuuf
akkaataa itti eegaltuu fi haala gaariin itti fugtuuf qajeelfamoota hubachuu barbaachisan
naannoo jiru. Kanneen gadii kun qajeelfamoota hubachuu qabaminiidha.
1. Waa'ee
isaanii bari.
Hunda
dursitee waa'ee pirofeesarota isaanii fuula marsaritii(websaayitii)
Yuunivarsiitii yookiin koolleejjii isaanii irratti ni maxxansu. Achi irraa maal
irratti akka ispeshiyaal godhan, fedhii qorannoo, odeeffannoo dhuunfaa, seenaa
barnootaa isaanii fi yeroo boqonnaa isaanitti maal hojjetan argachuu dandeessa.
Yoo kana hin arganne immoo gara Google seenuun barreeffamota isaan maxxansan
ilaali. Obsaan waa'ee isaanii baruuf carraqii sirraa eegamu hunda raawwadhu.
2.
Akkamitti Qunnamtii akka uumtu barbaadi.
Maqaan
taayitaa isaan barbaadan garagara. Isaan Dr, isaan kaan Mr ykn Ms filatu. Ati
garuu akkaataa isaan itti of ibsame irratti xiyyeeffannoo kennuun maqaan
taayitaa isaan ittiin of ibsan kan namoonni akka ittiin isaan waaman ibsa.
Kanaaf akkaataa isaan itti waamamuu barbaadanitti isaan waami. Yoomiyyuu
taanaan iyyuu kabaja agarsiisi.
3. Imeeli
barreessiif
Imeeli yeroo
barreessitu akkataa seera qabeessa ta'een kabajaa fi yaada qulqulluu bifa
salphaa gabaabsitee barreessuu qabda. Ergaa kee haala gabaabaan ibsi yeroo
hunda galatoomaa jechuun xumuri.
4.
Gaaffii gaafadhu
Callisteedhuma
hin gaafatin. Yeroo pirofeesarri kee erga barsiisee xumure booda namni gaaffii
qaba jedhee gaafatu gaaffii barannoo sanaan walqabatu gaafadhu. Fedhii isarraa
barachuuf qabdu mul'isi.
5. Yeroo
biirootti argaman quunnami.
Yeroo
jalqabaatiif nagaa gaafachuun wantoota gosa barnootaa inni barsiisuun
walqabatan gaaffii muraasa gaafadhu. Akkasuma guyyaa kan biraa gaffilee fi
asaaymentiin akkasumas kitaabilee barbaachisoo ta'an gaafachuun walitti
dhufiinsa keessan cimsaa deemi. Itti aansuun waa'ee akkaataa barnoota isaanii
maaliif akka gosa barnootaa sana akka filatan akkasumas maaliif pirofeesara
akka ta'an gaafachuu dandeessa.
6. Hariiroo
kee itti fufinsaan cimsi
Pirofeesara
hariiroo cimaan wajjiin turuu barbaadde itti fufinsaan hariiroo kee eegi.
Eenyuun akka isaan beekan hin beektu, tarii barataa barbaadaa jiru ta'a.
Hariiroo dhugaa fi bu'a qabeessa uumuuf yeroodhaa yerootti karaa walqunnamtan
qopheessuuf yaalii gochuutu sirraa eegama. Kanaafuu kaayyoo kee galmaan ga'uuf
wareegama sirraa eegamu hunda raawwadhu. Waan adda miti kaayyoo ofii akkamitti
maal akka ta'e beekuun danda'ama?(akkamitti kaayyoon kee maal akka ta'e beekuu
ni barbaaddaa? As tuqi.
Barreeffamni
olitti dubbiste karaa hariiroo gaarii itti uumuu dandeessuuf si gargaareeraa?
Komentii (comment) irratti nuuf barreessi. Galatoomaa!!
Hojii gaariidha. Nuuf jabaadhu.
ReplyDeleteKabajamaa. Gaaffii kan biraa illee yoo sin rakkise gaaafachuu dandeesu.
ReplyDelete