Digiriin yoom cittuu waraqataa ta'a?

Barataa James Cameron jedhama Univarsitiitti
Westernkarolinaatti barnoota Ikonoomiksii(Economics) barachuuf kaampaasii seenuun
barnootaa isaa jalqabe. Yeroo muraasa booda pirofeesara isa barsiisu tokko waliin
walitti dhufeenya cimaa uumuun waliin jiraachuu eegale. Yeroo boqonnaa isaa
illee pirofeesara kana qofa waliin yoo ture qofa hawwiin isaa. Pirofeesarichis
barataa qaxalee waan tureef ofitti qabuun waliin jiraachuu eegale.
Guyyaa tokko barataan kun Pirofeesarichi
otoo deemaa jiru itti dhiyaachuu si waliin haasa'uun barbaada jedheen.
Pirofeesarichi garuu lakki amma hin ta'u jechuun bira darbee deeme istaafii
isaa seenuun Pirofeesaroota biroo waliin dudubbachuu ba'ee gara konkolaataa isaatti
adeeme. Barataan Jamsi gara isaatti fiiguun yeroo muraasa si wajjin akkan dubbachuuf
naaf hayyami jedheen. Pirofeesarichi garuu lakkii, amma hin ta'u jedhee
konkolaataa isaa kaatee deeme.
Barataan kun yaada isaatti dhiphataa
maal akka gochuu danda'u fi maal akka balleesse ofirra barbaaduutti ka'e.
Guyyaa lammaffaa gara Pirofeesaroota biroo deemuun gaafate.
Pirofeesarichi dhukkubsatee waan
tureef guyyaa sadiif dhufuu hin dandeenye ture. Guyyaa afuraffaatti Pirofeesarichi
daree barnootaa dhufuun baratichi bifti isaa daalachaa'ee, haalli isaa hundinuu
jijjiiramee yammuu argu kottu istaafiitti na wajjiin dubbachuu dandeessa
jechuun fudhatee deemuun waan inni barbaade gaafachuu jalqabe.
Baratichis ani yammuun si waliin haasa'uun
barbaade jedhee gara kee dhufetti amma bira darbuun isaan kaan waliin haasa'uun
sana boodas erga baatee yeroo muraasaaf
akkan si waliin dubbadhuu illee naaf hin hayyamne. Anis oggaan galu wanta tokko
illee hin nyaanne, callisetuman yaadaan dhiphachaa, hirriiba malee bulee, sana
booda hanga guyyaa shaniitti eegee ofii koon ajjeesa jedhee murteesse.
Sana booda Pirofeesarichi lafa taa'uu
ka'ee teessoo irraa ta'anii waan ta'e hundumaa barreessii natti kenni jedheen.
Baratichis waan ta'e hundumaa barreessee itti kenne. Sana booda Pirofeesarichi
ati barataa cimaadha; hoogganaa olaanaa taatees hojjechuun hawaasa kee tajaajiluu
dandeessa.
Garuu wantoonni hundinuu dadhabina
guddaa ati qabduun balleeffama. Ati humna ol miiraa hoogganamta. Maaliif akka
an si dhiisee deeme ni beektaa? Mata dukkubbi guddaa na qabee ture kanaaf Pirofeesaroota
kanneen wajjin dubbachuun sana booda yaalamuuf deeme. Sana fayyee dhufuuf
guyyaa sadii natti fudhate. Ati jaalala fi mararfannaa kee isa jaamaa malee
homaa natti hin himne.
Garuu namni biraan maal keessa akka
jiru gonkumaa hin yaadne. Ga'umsa kana yoo hin qabaatin sadarkaa aangoo olaanaa
kam irra iyyuu yoo jiraatte namaata naannoo keetiif balaa dha. Iftoominni
waliin dubbachuu keessaa baay'ee barbaachisaadha. Waa'ee ofii kee qofa yaaduu
hin qabdu waa'ee nama biraas malee. Furtuun bilchinsa sammuu dhala namaaf
waa'ee ofii qofa yaaduu miti, callisteedhuma waan namni siin jedhettis aaruu
miti. Dandeettii dhaggeeffachuu fooyya'aa fi olaanaa ta'e qabaachuu qabda. Namoota
biroon dhaggeeffachuu qabda.
Pirofeesarri koo yeroo hunda faara gaariin
na ilaala har'a garuu natti jijjiiramee jira kanaafuu bor maaltu akka ta'e bor
ykn guyyaa lama ykn sadii booddee irraa adda baafachuun qaba. Yoo wanti an
balleesse jiraate dhiifama gaafachuun qaba. Sana booda akka abbaa naaf ta'a
dhiifaman gaafadha yoon dogoggora qabaadhe. Ati garuu kana hin goone.
Fakkeenyaaf taayifooyidii dhukkubsadhee
guyyaa kudhaniif yoon hafe of ajjeestaa? Kabajanii Yuunivarsiitii keenya eessa
jira, kabajani koo eessa jira? Kun amala ani si wajjin hariiroo gaarii uumuun
argadheedhaa?
Gonkumaa nama akkas miiraan hoogganamu ta'uu
hin qabdu. Iftoominni waliin dubbachuu keessaa baruu qabda, namoota hubachuu
qabda, haala baay'ee jeeqamaa keessatti illee nama jabaatee dhaabbachuu danda'u
ta'uu qabda. Ga'umsa kana utuu hin qabaatin sadarkaa olaanaa kam irra iyyuu yoo
geesse ofii keetiifis hawaasa keefis miidhama taata. Baradhuu ittiin of fooyyessi.
Ga'umsa kanneen malee digirii barbaadde yoo qabaatte inni cittuu waraqaati.
Akka nama fooyya'aa tokkootti guddachuuf ga'umsaawwan qabaachuu qabnu ni jiru. Ga'umsaawwan kana Argachuuf gorsi hunda caalu dubbisi isa jedhuudha (kitaabilee ilaalchaa fi xiinxala sammuu gabbisan argachuuf as tuqi)
YAADI KEESSAN JIJJIIRAMA KALLATTII HOJII KEENYAATI ADARAA FEDHAA FI ILAALCHA AFAAN OROMOO GUDDISUU IRRATTI QABDAN QEEQA/KOMENTII/ GADII IRRATTI BARREESSAA!!!
Great.
ReplyDelete