DIGIRIIN YOOM CITTUU WARAQATAA TA'A?

 

              Digiriin yoom cittuu waraqataa ta'a?


Barataa James Cameron jedhama Univarsitiitti Westernkarolinaatti barnoota Ikonoomiksii(Economics) barachuuf kaampaasii seenuun barnootaa isaa jalqabe. Yeroo muraasa booda pirofeesara isa barsiisu tokko waliin walitti dhufeenya cimaa uumuun waliin jiraachuu eegale. Yeroo boqonnaa isaa illee pirofeesara kana qofa waliin yoo ture qofa hawwiin isaa. Pirofeesarichis barataa qaxalee waan tureef ofitti qabuun waliin jiraachuu eegale.

Guyyaa tokko barataan kun Pirofeesarichi otoo deemaa jiru itti dhiyaachuu si waliin haasa'uun barbaada jedheen. Pirofeesarichi garuu lakki amma hin ta'u jechuun bira darbee deeme istaafii isaa seenuun Pirofeesaroota biroo waliin dudubbachuu ba'ee gara konkolaataa isaatti adeeme. Barataan Jamsi gara isaatti fiiguun yeroo muraasa si wajjin akkan dubbachuuf naaf hayyami jedheen. Pirofeesarichi garuu lakkii, amma hin ta'u jedhee konkolaataa isaa kaatee deeme.

Barataan kun yaada isaatti dhiphataa maal akka gochuu danda'u fi maal akka balleesse ofirra barbaaduutti ka'e. Guyyaa lammaffaa gara Pirofeesaroota biroo deemuun gaafate.

Pirofeesarichi dhukkubsatee waan tureef guyyaa sadiif dhufuu hin dandeenye ture. Guyyaa afuraffaatti Pirofeesarichi daree barnootaa dhufuun baratichi bifti isaa daalachaa'ee, haalli isaa hundinuu jijjiiramee yammuu argu kottu istaafiitti na wajjiin dubbachuu dandeessa jechuun fudhatee deemuun waan inni barbaade gaafachuu jalqabe.

 Baratichis ani yammuun si waliin haasa'uun barbaade jedhee gara kee dhufetti amma bira darbuun isaan kaan waliin haasa'uun sana  boodas erga baatee yeroo muraasaaf akkan si waliin dubbadhuu illee naaf hin hayyamne. Anis oggaan galu wanta tokko illee hin nyaanne, callisetuman yaadaan dhiphachaa, hirriiba malee bulee, sana booda hanga guyyaa shaniitti eegee ofii koon ajjeesa jedhee murteesse.

Sana booda Pirofeesarichi lafa taa'uu ka'ee teessoo irraa ta'anii waan ta'e hundumaa barreessii natti kenni jedheen. Baratichis waan ta'e hundumaa barreessee itti kenne. Sana booda Pirofeesarichi ati barataa cimaadha; hoogganaa olaanaa taatees hojjechuun hawaasa kee tajaajiluu dandeessa.

Garuu wantoonni hundinuu dadhabina guddaa ati qabduun balleeffama. Ati humna ol miiraa hoogganamta. Maaliif akka an si dhiisee deeme ni beektaa? Mata dukkubbi guddaa na qabee ture kanaaf Pirofeesaroota kanneen wajjin dubbachuun sana booda yaalamuuf deeme. Sana fayyee dhufuuf guyyaa sadii natti fudhate. Ati jaalala fi mararfannaa kee isa jaamaa malee homaa natti hin himne.

Garuu namni biraan maal keessa akka jiru gonkumaa hin yaadne. Ga'umsa kana yoo hin qabaatin sadarkaa aangoo olaanaa kam irra iyyuu yoo jiraatte namaata naannoo keetiif balaa dha. Iftoominni waliin dubbachuu keessaa baay'ee barbaachisaadha. Waa'ee ofii kee qofa yaaduu hin qabdu waa'ee nama biraas malee. Furtuun bilchinsa sammuu dhala namaaf waa'ee ofii qofa yaaduu miti, callisteedhuma waan namni siin jedhettis aaruu miti. Dandeettii dhaggeeffachuu fooyya'aa fi olaanaa ta'e qabaachuu qabda. Namoota biroon dhaggeeffachuu qabda.

Pirofeesarri koo yeroo hunda faara gaariin na ilaala har'a garuu natti jijjiiramee jira kanaafuu bor maaltu akka ta'e bor ykn guyyaa lama ykn sadii booddee irraa adda baafachuun qaba. Yoo wanti an balleesse jiraate dhiifama gaafachuun qaba. Sana booda akka abbaa naaf ta'a dhiifaman gaafadha yoon dogoggora qabaadhe. Ati garuu kana hin goone.

Fakkeenyaaf taayifooyidii dhukkubsadhee guyyaa kudhaniif yoon hafe of ajjeestaa? Kabajanii Yuunivarsiitii keenya eessa jira, kabajani koo eessa jira? Kun amala ani si wajjin hariiroo gaarii uumuun argadheedhaa?

 Gonkumaa nama akkas miiraan hoogganamu ta'uu hin qabdu. Iftoominni waliin dubbachuu keessaa baruu qabda, namoota hubachuu qabda, haala baay'ee jeeqamaa keessatti illee nama jabaatee dhaabbachuu danda'u ta'uu qabda. Ga'umsa kana utuu hin qabaatin sadarkaa olaanaa kam irra iyyuu yoo geesse ofii keetiifis hawaasa keefis miidhama taata. Baradhuu ittiin of fooyyessi. Ga'umsa kanneen malee digirii barbaadde yoo qabaatte inni cittuu waraqaati.


Akka nama fooyya'aa tokkootti guddachuuf ga'umsaawwan qabaachuu qabnu ni jiru. Ga'umsaawwan kana Argachuuf gorsi hunda caalu dubbisi isa jedhuudha (
kitaabilee ilaalchaa fi xiinxala sammuu gabbisan argachuuf as tuqi)

YAADI KEESSAN JIJJIIRAMA KALLATTII HOJII KEENYAATI ADARAA FEDHAA FI ILAALCHA AFAAN OROMOO GUDDISUU IRRATTI QABDAN QEEQA/KOMENTII/ GADII IRRATTI BARREESSAA!!!



1 Comments

Previous Post Next Post