Akkamitti Gosa Barnootaa yuunivarsiitiitti baradhu haa filadhu?

 Akkamitti Gosa Barnootaa yuunivarsiitiitti baradhu filadhu?



1. Gosa barnoota jiran sana hunda tarreesuu.

Waraqaa qulqulluu fudhachuun gosa barnootaa jiran hunda barreessuun kan gara fuula duraatti barachuu feetu hunda tokko tokkoon tarreessi. Mana barnootaa keessatti kan hordofteen ala dandeettii kanneen biroo qabdu hunda yaadaan qabuun barreessuu qabda.

2. Kaka'umsi akka Yuunivarsiitii galtu si godhe maal akka ta'e ofgaafadhu.

✓ Qarshii hedduu argachuufi?

✓ Gosa barnootaa ta'een hayyuu ta'uudhaa?

Kaka'umsi kee maal akka ta'e barreessui. Fakkeenyaaf kaka'umsi kee qarshii hedduu argachuufi yoo ta'e gosa barnootaa yeroo hojii hedduu sin fudhanne filachuun gaariidha.

Gosoota barnootaa jiran hundumaa beekuu dhiisuu dandeessa. Kanaafuu gosa barnootaa jiran beekuuf qorannoo gaaffiin baruun hubachuuf yaali? Gaafattee hubachuuf gonkumaa hin dhibaa'iin.

3.  Keessa kee dhaggeeffadhu. 

Qofaa kee taa'uun hawwii kee hubachuu, akkasumas barreessi. Yoo yaadni keessa kee wantoota ati barreessite irraa fagoo ta'e hawwiin keessa keetii wanta qabatamaa hin qabnee fi argachuuf qaqqabuuf rakkisaa akka ta'e hubachuun gaarii ta'a.

4. Dukkana yeroo jalaa miliquu.


Duukkanni yeroo maali? Duukkanni yeroo ta'uu kan danda'an wantoota baayyeetu jiru. Isaan keessaa muraasni:

✓ Moora kabaja hawaasaa barbaaduu godhamuu. Fedhii kabaja departimentiin sun qabuun guutamuun filannoo sirrii hin taaneef sababa guddaadha.

✓ Qarshii hedduu ittiin argachuuf gosa barnootaa filachuu. Qarshiin fedhii dhugaa keessa keetii yoo durse yeroo qarshii sana argattu filannoo keetti deebitee gaabbita. Qarshiin akkaataa hojii fi murtii fudhatamuun malee gosa barnootaa barattuun hin murtaa'u.

√ Dandeettiin kee maal irratti gaarii akka ta'e addaan baasuu dadhabuu. Dandeettii kee otoo hin ta'in namoonni ati gosa barnootaa akkasii irratti cimaadha waan siin jedhaniif filachuu irraa of qusachuun hedduu barbaachisaadha.

Kanneen biroo kana fakkaatan illee ni jiru. Kanaafuu isaan kana irraa of bilisoomsuun ofitti amanamummaa kee muldhisi.

5. Hojii si eeggate beeku!

Bor gosa barnootaa kam irrattin specialize godha? Akkasumas bakki hojii kootii maal fakkaata? Kan jedhaman beekuun barbaachisaadha.

6. Caasaa barnootaa barachuuf jirtu sirriitti qorachuun beekuu.


 Akkaataa dandeettii dubbisuu keetii ittiin fooyyessuu dandeessuu fi tuqaa gaarii akkasumas beekumsa qabatamaa ta'een eebbifamuuf baayyee si gargaara.

7. Namootaa wajjin mari'achuun odeeffannoo sassaabachuu.

As irratti hubachuu wanti barbaachisuuf odeeffannoo fi yaadota dagataman argachuuf malee callisumaan yaada namoota irraa argatameen murteessuuf miti.

Eenyu waliin mari'adhu?

✓ Namoota gosa barnootaa sana barachuun ittiin hojjetaa jiran.

✓ Maatii wajjin

✓ Namootaa hiriyaa si dura jiran  wajjiin fi kkf

8. Akkuma beekkumsi fi umuriin namaa dabalaa adeemu filannoon namaa jijjiiramaa akka deemu hin dagatin.

 AS TUQUUN GADI BUUFADHAA👉DOWNLOAD

 

 

 

Post a Comment

Previous Post Next Post