Sareen walqunnamtii saalaa booda walitti qabamanii turuun maalif?

Sareen walqunnamtii saalaa booda walitti qabamanii turuun maalif?

Kun wantoota nuti jireenya guyya guyyaa keenya keessatti argaa ooluudha. Garuu sababa kun ta'uuf of gaaffattee ykn nama kan biraa gaaffattee beektaa?

Sareen walqunnamtii saalaa booda walitti qabamanii turuun amala sanyii isaanii yammuu ta'u sababni kanaas qaama hormaataa dhiiraa irratti xiyyeeffata. Qaamni hormaataa saree kormaa( qunxurroon) kutaa balbis gilaandis kan jedhamu yeroo walqunnamtii saalaa erga qaamni kormaa qaama dhalaa seeneen booda sababa dhiigaan guutamuuf ni bokoka. Kana booda walqunnamtiin saalaa erga raawwatamee booda hanga dhiigni kun iddoo isaa gad dhiisuun qaamni


bokoke gad deebi'utti qaamni kormaa qaama dhalaa keessaa ba'uu hin danda'u. Kunis gidduu galeessaan daqiiqaa shanii hanga afurtamii shanii tura.

Yammuu walitti qabamanii turan maal gochuu qabda?

Addaan baasuuf yaaltee jiraachuu dandeessa. Garuu as irratti addaan baasuuf yaaluun saroota kana irratti miidhaa cimaa geessisa. Yoo illee bifa kanaan ilaaluun kan sitti hin tolle yoo ta'e iyyuu akkataa wal hormaata isaanii keessaa tokko waan ta'eef hubachuu qabda.



Sareen kormi maaliif luka ol kaasuun fincaa'u?

Wantoota jireenya guyya guyyaa keenya keessatti yeroo hedduu irra deddeebin ta'an arguun callisnedhuma bira darbuun amala keenya guyyuuti. Kunis amaleeffanna hawaasa keenya irraa dhaallee keessaa tokkodha.saroonni kormaa maaliif luka olkaasuun akka fincaa'an of gaaffattee beektaa?  Saroonni kormaa sababa xannacha pirosteet gilaandi(xannacha pirosteetii) jedhamu kan xannachoota qaama hormaataa dhiiraa keessaa tokko ta'e hangaan guddaa ta'e qabuuf dhiibbaa yeroo fincaa'u afuuffee fincaanii irra ga'u xiqqeessuuf luka isaanii olkaasuun fincaa'u.


Adurreen udaan, sareen immoo lafee awwaala.

Adurreen maaliif udaan isaanii awwaalu?

Xuraawwaa isaanii dhoksuun amala sanyii adurree hundumaa yammuu ta'u kunis qulqullina irratti waan yaada qabaniif miti.

Gartuun bineensotaa adurree jedhaman kanneen madaqfamanii namaa wajjin jiraatan qofa osoo hin taane kanneen bosona jiraatan illee dabalateeti. Amalli xuraawwaa isaanii awwaalu garuu isaan lamaanu keessatti argama.Sababni xuraawwaa isaanii itti yaaduun awwaalaniif seenaa isaanii keessatti adurreen akkataa ittiin daangaa isaanii eeggatan waan ta'eefi. Kunis ta'uu kan danda'u keemikaalaa permoonii jedhamu fincaanii fi udaan isaanii keessatti argamu irrati. Wanti ajaa'ibaa garuu bineensonni garee adurree panteeraa jedhaman kanneen akka leencaa, qeeransaa iddoo jireenyaaf haalaan kan waldorgoman garuu kana hin raawwatan. Sababni adurreewwan xixiqqoon kana raawwataniif akka adurreewwan gurguddoon hin jeeqamneef akkasumas adamsitoonni isaanii foolii badaa sana hordofuun gara isaaniitti akka hin dhufne gochuufidha.


Wantoota ajaa'ibaa addunyaa kanaa irraa iddoon ji'ootaaf sa'aatii 24 guutuu aduun iftu beektaa( eessa ta'e dubbisuuf as tuqi)

Kanneen olitti dubbiste keessaa kamiin jaallatte, yaada qabdu komentii (comment) irratti nuuf barreessi.

 

 

Post a Comment

Previous Post Next Post