Durbummaa wanti jedhamu sobaa??? Beekumsa sirrii waa'ee durbummaa!!!

 

Durbummaa...sobaa??? Beekumsa sirrii waa'ee durbummaa!!!

Haayimeeniin tishuu haphii banaa bukushaa irratti......

Dhiironnis ta'e Shamarran kana beekuu qabu! Yeroo gabaabaa keessatti...


Wantoota hawaasa keessa jiraannu keessatti dubbachuu saalfataman hedduun ni jiru. Atillee barreeffama kana yommuu dubbistu kana irraa bilisa akka hin taane nan beeka. 

Sababni isaas anis miira akkasii keessa waanan tureef hubachuun nan dhibu. Yeroo irratti tuquun dubbisuu jalqabdu anas arrabsaa ofiis miira yakkamtummaa keessatti of ilaalaa jirta ta'a. 

Kun garuu addunyaa dhugaa irraa hangam akka fagaannee jirru mul'isa. Dhimma fayyaa barreessuus ta'e dubbisuun akkasumas hojii irra oolchuun gonkumaa waan saalfachiisaa miti. 

Tarii yaadni kun siif liqimfamuu diduu danda'a. Haa ta'u malee dhugaa qabatamaan waan jiru beekuun jireenya fayya-buleessaa fi fooyya'aa qabachuutu caala. 

Durbummaan maal akka ta'e beekuuf haala qaamni shamarran tokkoo miira walqunnamtii saalaatiif jalqaba irraa kaasee deebisu hubachuun barbaachisaadha.

Sadarkaa tokkoffaa

Miira Naasuu


Yeroo kana dhaayannaan onnee ni dabala akkasumas hangi dhiigaa onneen yeroo tokkotti raabsamuu ni dabala. Sababa dhaayannaa onnee dabaluu hangi ooksijiinii qaamaaf barbaachisuu ni dabala. Kunis hargansuun akka dabalu godha. 

Hiddi dhiigaa xixiqqaa(arterii) fi kaapilaroonni naannoo gogaa jiran ni babal'atu. Sababni isaas gogaan diimatee, akkasumas dhiigaan waan sooramuuf

Kana malees dhiigni gara qaamota saalamessootti fakkeenyaaf harmaa fi naannoo qaama hormaataatti haalaan yaaluun qinxiriin dhiiga gara sanatti yaa'uun ni bokoka. 

Sababa kuufama dhiigaa kanaan bukushaan bifni isaa jijjiiramun gurraachaa-daammii ta'a. Sababa hidda dhiigaa dhiigaan guutamaniif harmi hanga duraa irra ni guddata fiixeen isaas ni dhaabbata.

Sadarkaa lammaffaa

Pilaatoo

Adeemsaawwan olii ijaaramuun bukushaan dhangala'oo uumamaatiin jiidhuu jalqaba lixiinsa eeguun. Maashaaleen qaamaa diriirfachuun dhaayannaan onnee akkuma duraatti itti fufa.

Sadarkaa sadaffaa

Sadarkaa Hundatti Olaanaa

Sadarkaa Naasuu xumuraa yommuu ta'u yeroo itti maashaaleen qaama saalaa haalaan kan kontoonfatanii fi diriirfataniidha. Sana booda hormooniin ookstooniinii, hormoonii gammachuu jedhamuun kan beekamu madduu waan jalqabuuf dubartiin sun dhiira sanatti maxxanti.







Sadarkaa afuraffaa

Sadarkaa qabanaa'uu

Yeroo kana qaamni hundinuu gara sadarkaa sirriitti (normal) deebi'a. Qaamonni duratti akkaataa hojii isaanii jijjiiran, dhaayannaan onnee, dhaabbachuun harmaa, dabaluun hargansuu fi kanneen biroon gad bu'aa adeemuun sirraa'u.

Qorannoon durbummaa saayinsii fi fayyaadhaan sirriidhaa?

Lakki. Jalqaba irratti dhiira irratti kana sanas jechuun hin danda'amu. Kana jechuun qorannoon mirkaneessu hin jiru. Lammaffaa Shamarran irratti qorannoon dubbatiin tokko walqunnamtii saalaa gochuu fi gochuu dhiisuu ishee mirkaneessu hin jiru.

Qorannoon durbummaa ykn quba lamaa kana mirkaneessuu hin danda'u. Kana hubachuuf dura durbummaan ykn haayimeeniin maali?

Haayimeeniin tishuu haphii banaa bukushaa irratti argamuudha. Kana jechuun guutummaatti golgee argama jechuu miti karaaleen uraa xixiqqaan dhiigni yeroo marsaa laguu ba'an ni jiru.


Yeroo walqunnamtii saalaa ykn seensi qaama dhiiraa kamiyyuu ta'u ykn yeroo hojii hojjatamu ykn yeroo qaamni dhifamu (fakkeenyaaf ispoortii) haayimeeniin dhifamuu danda'a. Yeroo walqunnamtii saalaas haayimeeniin xiqqoo baqaquun dhifama malee tarsa'ee bada jechuu miti. 

Walqunnamtii saalaa boodas dandamachuun jiraata. Kana malees wantoonnii hedduun haayimeenii baqaqsuu danda'u. Fakkeenyaaf jiminaastikiin, daakkaan, farda gulufsiisuunii fi kanneen biroon ni jiru. 

Dubartoonni tokko tokko immoo uumamaan hin qaban. Kanaaf wantoonnii kun haayimeeniin waan hin jirreef dubbartiin tokko walqunnamtii saalaa raawwatteetti jechuun mirkaneessu akka danda'amne agarsiisu.


Qorannoon saayinsaawaan kana mirkaneessuu hin jiru. Kun gama biraatiin sarbiinsa mirga namummaa dubartoota irratti raawwatamuudha. 

Rakkoo xinsammuu fi hawaasummaa yeroo dheeraa dubartoota irraan ga'uu kan danda'u yoo ta'u  miidhama sammuu guddaa qaqabsiisa. 

Shamarran kee ykn maatii kee ykn ijoollee fira kee irratti qorannoo kanaa geggeessuu barbaaddaa? Kan saalfatamuu qabu Kanaadaa!!! Kanarra iftoominaan waliin haasa'uun maatii kee waliin amanamaa ta'uu wayya karaa biraa deemuun dhiphina bu'aa hin qabne keessa seenuurra.

Odeeffannoo olii irratti yaada akka qabdan 100% ni beekna. Yaada keessan comment gadii irratti barreessuu dandeesssu!

WAQUUNNAMTII SAA BOODA SAREEN MAALIF ADAAN B'UUN RAKKISA YEROO TOKKO TOKKO NAMA IRRATTI ILLEE NI MUL'ATA AS TUQUUN BEEKI

 

Post a Comment

Previous Post Next Post