Dubartoonni dhiira irraa kan jibban... wantoota 10.
Wantoota 10n dubartoonni dhiira irraa jibban.
Wantoonnii kun yaada nama dhuunfaa osoo hin taane qorannoo hayyoota saayikooloojiin taasifamanii kanneen mirkanaa'aniidha. Wantoonnii kun raawwatanii dubartoota obsa qabu jedhaman illee kanneen guutummaatti mufachiisaniidha.
1. Ati
dubartoota kan biraa hin fakkaattu sababni isaas........jechuu.
Wanta feete bakka
duwwaa sanatti guutuu dandeessa wanti ati jechuuf jirtu waan akka dubartoota
hunda tuffatuutti si lakkoofsisa. Wanti ati jechuuf jirtu dubartoonni kaan
akksi( gaarummaa isaanii) tarreessuu dandeessa. Kun garuu isaaniif madda aarii
isa guddaadha. Sababni isaas dubartoonni gonkumaa kanneen biroon madalamu hin
barbaadni, hin jaallatanis.
2. Ati
maraattuu dubartiiti........jechuu
Sababa barbaaddeefuu jechuu dandeessa dubartoonni garuu gonkumaa hin jaallatan.
3. Yoo
itti hin kolfine ykn qoosaa hin goone.
Dubartoonni dhiira
qoosaa uumuun faara gammachuun wajjin taphatan fedhu. Yoo ati wajjin hin taphatin
miira gaarii hin qabaatan.
4. Haasofsiisuu
jalqabdee yoo addaan kuttu.
Haasofsiisuu
itti hin fuftu yoo hin jalqabsiisin. Sababni isaas daftee akka waan ulfina dhokiteetti
waan ilaaltuufi. Dubartoonni garuu tuffatamuu ykn haalaan kabajamuu dhabuu
caala wanti isaan jibban hin jiru.
5. Waa'ee
ishee gaafachuu dhiisuu.
Haasawwaa
ishee wajjin yoo gootu bifa gaaffii afaanii(iterview) hin godhin. Gaaffii banaa
gaafadha malee gaaffii eeyyee ykn lakkii jechuun deebi'an hin gaafatin. Isaan
ofiin of ibsuu waan fedhaniif waan akka jaallatteetti si yaaduu irraa akka kan
biraatti yaaduu waan eegaliniifi.
6. Wantoota
qeeqaa interneeta irratti yeroo gad dhiistu.
Walumaagalatti namni kamiyyuu qeeqaa fi komee dhaggeeffachaa turuu hin fedhu. Hariiroo gaarii ijaaruuf nama qeequu irraa of qusachuun suuta hubachiisuuf yaaluun baay'ee barbaachisaadha.
7. Qulqullina ofii yoo hin argatin.
Namni kamiyyuu dafquun xuraa'uu danda'a. Kun amala uumamaati. Dhorkunis hin danda'amu. Wanti barbaachisaan garuu dhiqachuun qulqullina ofii eeggachaadha. Qulqullina kee eeggachuun urgooftuu gaarii godhachuun yeroo walitti dhufeenyaa qofa urgaa gaarii qabaachuuf qofa osoo hin taane yaadannoo sana akka isheen hin daganne godha.
8. Qaamaan
caala interneeta irratti mul'achuu.
Walitti
dhufeenyaa kamiyyuu keessatti walqunnamtiin haasawwaa murteessaadha. Yoomiyyuu wantoota
haaraa hojjechuu yoo feete nama hunda dura baruu ni feeti. Kana yoo hin godhin
garuu akka waan yaada kee keessatti iddoo hin qabneetti daftee of ilaalu jalqabdi.
Kana qofaa osoo hin taane amantaa isheen sirraa qabdu daran hirrisa.
9.
Kaayyoo isaa yeroo wallaalan.
Dhiironni baay'een afaaniin osoo hin dubbatin hojii hojjetaniin kaayyoo isaanii mul'isuu fedhu. Dubartoonni garuu kaayyoo isaanii baruu fedhu. Sababa kanaaf hariiroo sirrii qabaachuuf kaayyoo walii haalaan beekuun barbaachisaa waan ta'eef kaayyoo fi karoora qabdu qoodiif.
10. Yeroo
dhiironni kaka'umsa dhaban.
Pirojektii jalqabuuf ykn ariifachiisuuf ykn immoo hojii kee baballisuuf dubartoonni yoomiyyuu dhiira kaka'umsa gaarii fi murannoo qabu jaallatu.
Guyyaa guutuu amala
fafee agarsiisaa akka ooltu sirraa hin fedhan. Of fooyyessuu kee qofaa miti kan
isaan gammachiisu bu'aa gaarii bor karaa kee argamu malee.
Wantoota olitti tarreeffaman keessaa isa kam fooyyeffachuu barbaadda qeeqaa(komentii/comment/) gadii irratti nuuf barreessuu hin dagatinaa.
WAAN HANGA XUMURAATTI DUBBISTANIIF GALATOOMAA!!!
Comment
gadii irratti yaada toora marsaritii kanaa irratti qabdan nuu qooduu ni dandeessu.
Yaadni keessan nu biratti kabajaa fi ulfina guddaa
qaba kanaaf barreessuun gaaffiis yoo qabaattan gaafachuu of hin
qusatinaa.
MARSARIITII DHUNFAA KEETII BILISAAN HOJJETACHUUN GALII DHUUNFAA KEE...ASTUQI
Haala salphaan of hubachuu nama barsiisa. Jabaadhu.
ReplyDelete