Websaayitii dhunfaa keenyaa bilisaan hojjechuun akkamitti galii argachuu dandeenya.

 

Websaayitii dhunfaa keenyaa bilisaan hojjechuun akkamitti galii argachuu dandeenya?

Weebsaayitii dhunfaa keenyaa hojjechuuf yeroo jalqabaaf kan nama rakkisu ta'uu danda'a.

 Barreeffamni kun kaayyoon isaa inni guddaan mudannoowwan nama rakkisuu danda'an furuuf tartiiba websaayitii ijaaruuf nu barbaachisan hunda waan qabatuuf obsaan dubbisuun hubachuu barbaachisa.

Tartiiba barbaachisoo websaayitii ijaaruuf barbaachisan.

Kutaa 1ffaa

1. Wantoota kanneen guutadhu.

  1. Imeelii weebsaayitii ittiin hojjechuu barbaaddu tokko banadhu.

  2. Mata duree ykn wanta weebsaayitii keerratti hojjechuu barbaaddu filadhu.

  3. Interneeta waan si barbaachisuuf argachuu danda'uu kee mirkaneeffadhu.

  4. Viidiyoo tartiiba kana si hubachiisan daawwachuun ni barbaachisa.

Kutaa 2ffaa

Tartiiba gadii hordofi.

1. Gara google chrome deemuun "blogger.com" jettee erga barreessiteen booda iddoo "create" jettu tuqi. Fakkii gadii ilaali.



2. Erga seenteen booda wantoota gaafatamte hunda guutuun OK jedhi. Fakkii gadii irratti fakkeenya ilaali.



3. Maqaa weebsaayiticha irratti akka mul'atuuf filatte barreessuun "NEXT" jedhi. Fakkii gadii ilaali.



4. Maqaa namooni weebsayitii kee ittiin barbaaduun akka argataniif filatte guutuun "NEXT" jedhi.



5. Maqaa weebsaayiticha irratti akka mul'atuuf filatte irra deebiin guutuun "FINISH" jedhi. 



Kana booda gara wantoota keessoo weebsaayitichaa ijaaruun adeemsa hunda xumuudha. Kuni gabaabinaan kanneen gadii raawwachuu ta'a.

1. Tempileetii ykn fuula irratti hojii babaadne hojjennuu jijjiirachuu.


2. Seetingii ykn sirreeffamaawwan tempileetii keenyaa baarbacisoo waan ta'aniif sirreeffachuu.


3. Seerota, akkaataa itti fayyadamaa, unka nu quunnamaa fi barreffama waa'ee keenyaa maxxansuu.


4. Seetingii ykn sirreeffamawwanii guutuun maxxansaawwan maxxansuu.


5. Maxxansaawwan torbaa ol erga maxxansinee booda 'Google' namootaaf akka mul'isu ajajuu(sitemap) galchuu.

6. Guyyaa lama booda 'Google' irratti maqaa weebsaayitichaa barbaaduun akka mul'atu mirkaneeffachuu.

7. Hostingii fi doomeen neemii (Hosting and domain name) bituun websayitii ijaarree wajjiin walquunnamsiisuu.

8. Wantoota 'Google' biratti fudhatama dhabsiisuu danda'an hunda irraa bilisa ta'uu mirkaneeffachuu.

9.Haayema qarshii hojjechuu akka dandeenyuu nu barbaachisu 'Google'n gaafachuun deebii eegachuu.

10. Yoo heyyama arganne gara fulduraatti itti fufuun hojjechuu. Yoo heyyama hin argatin immoo irra deebiin ilaaluun dogoggora jiru sirreessuun hayyema gaafachuudha.

Tartiibni kun gabaabsamee ibsame. Tartiiba guutuu argachuuf as tuquun viidiyoo ilaali.

YOO HAALAAN BARACHUU KAN BARBAADDAN TA'E COMMENT GADII IRRATTI BARREESSAA! GALATOOMAA!!

 

 

 

APP AS TUQUUN BUUFADHAA!   👉👉     DOWNLOD   👈APP

Post a Comment

Previous Post Next Post