GOOTOTA AFAAN OROMOO AN OF SODAADHE!!!
Barataa mooraa Univarsitii Finfinneeti. Bara 2010 mooraa seenuun barnoota olaanaa kan jedhamu sana hordofuun jaqabe. An kanan dhaladhee guddadhe lixa wallaggaatti. Akka carraa koo ta'ee barnootaaf ergan gara mooraa seenee torbanoota lakkoofsiseera.
Yeroo hunda kutaa barnootaa keessatti afaan saba kan biraa qofti waan dubbatamuuf an akka nama afaanni isaa didhaa ta'eetti callisee taa'uun amala natti ta'ee jira. Hawaasni an keessatti guddadhe afaan kana quba hin qabu. Anaaf garuu har'a luugama jabaa fi duudummaa natti ta'eera.
Maali yoon maal godhen akka garaa koo afaan koo banadhee dubbadhan jedha. Haalli jiru isa yeroo an barnoota sadarkaa qophaa'inaa baradhuunillee faallaa deemuu jalqabee jira. Kanan hubadhu baesiisaan kutaa barnootaa seenuun nagaa gaafatee barnoota itti fufu isaa malee maal akka dubbatu hubachuu dhiisi yoo nu arrabsa ta'iyyuu an homaa miti. Haalli kun kutaa barnootaa qofa miti doormiis na waliin jiraachuun haalaan na gidirsee jira.
Guyyaa tokko mooraa keessaa gara iddoo callisaa tokkotti ba'ee kophaa koo ofii koo wajjin marii.gegeessuun jalqabe. An haala kanaan jiraachuun natti jabaateera yeroo gabaabaa keessatti furmaata waan taatu barbaaduun qaba jedheen keessa kootti murteeffadhe. Furmaati koo inni duraa yeroo gabaabaa gidduutti afaan amaaraa barachuu ture.
Garuu "Akka yaadu garaan itti hin baasu karaan" jedha oromoon yoo mammaaku. Karoorichi lafarra bu'ee hojiitti hiikamuun ulfaatee wal'ansoo naan qabaa, na.cunqursaa natti hammaate. Kutaa barnootaa keessatti kan naan galle gaafachuu mitii warreen kaan yoo gaafatan siif galeeraa jedhee barsiisichi na gaafataa jedheen sodaadha. Finfinneenama handhuura oromiyaa jedhan keessatti handhuurame jamaa!
Yeroo keessa maqaa barsiisaa tokkoon dhaga'e Gadaa jedhama. Kun egaa na gargaara jedheen abdadhe. Dubbiin garuu faallaa natti taate yeroon gammadee afaan koo banadhee kan naaf hin galle jedhee yaadetti inni garuu afaan oromoo hin beeku naan jechuun akka nama gabaa keessatti salphatee na gochuun na yaachise. Maal amma kun yakka maaliiti yaa Rabbi? An maalan balleesse otoon Oromiyaa keessaa ba'eellee homaa miti ture.
Amma yeroon hundumaa dabarsaa erga dhuftee anis rakkoon dubbachuu fi dhaggerffachuuf qabu dhabamaa kan duraa irraanfatamaa haala hundumaa hubachuu jalqabeen jira. Akka tasaa ta'ee barsiisaan koo sun yeroo biraa barsiisaa hiriyaa isaa waliin istaafii ba'uun oggaa deeman Afaan Oromoo otoo waliin dubbataniin dhaga'e. Guyyaan gaafa sanaa salphina kan natti ta'e qaaneffama daree barnootaa keessaa sana na yaadachiifte.
Jaallanus jibbinus uumaan Afaan Oromoo akka dubbannuuf hawaasa sana keessatti akka dhalannu nuuf filateera. Kun filannoo uumaa keetiiti. Hiriyaa, bakka hojii, iddoo jireenyaa fi kanneen biroo filachuu dandeessa. Abbaa, haadha akkasumas obbolaa wajjiin dhalatte garuu uumaa keetu siif filate. Maatii keessatti dhalatte keessatti afaan baruun akka dubbachuu dandeessuu dandeettii uumamaas isumatu siif kenne.
Hin dagatin kennaa uumaa keetii hin tuffatin. Lafa jirtuu dammaqi! Tarii uumaan sanyii namaa hundumaaf akka jaalala isaatti akka dubbaatuuf afaan isaa gargar baasuu isaa in dagattaa? Miti yoo jettanis afaan isa kamtu saba lafarra jiraatan hundumaaf kenname?
Dhumni dhaamsa koo "AFAANI AFAAN OROMOODHAA". Eenyullee yoo tuffates kennaan uumaan keenya nuuf kenne nun qaanessu kabajaa fi ulfina keenya malee. Isaan kennaa uumaa isaan tuffatan, jibbaniif salphisan har'as boris dubbachuu dhiisuu danda'u.
Amma garuu dhaloonni dammaqaan yoo jiraate kennaa isaaf kenname hin tuffatu. Waan hanga xumuraatti dubbistaniif galanni keenya guddaadha. Yaada qabadanii fi barreeffamni dubbistan kan jajjabeeffamu yoo ta'e "Dansaadha" yoo dogoggores "Mucucaatteetta" jechuun qeeqa ykn komentii (comment) irratti barreessuu hin dagatinaa. Galatoomaa!!!
"Xaafiin ija tokko miti kan kuntaala guutu iji kumaatamni yommuu walittii dabalamuudha malee."
"Afaan kan guddatu namoota muraasaan miti sabicha hundumaan malee."
This comment has been removed by the author.
ReplyDeleteJabaadhu. Hojii gaariidha.
ReplyDelete❤✔
Delete