Bakkeewwan 6 Addunyaarraa sa'a 24 ifa aduu qofa beektaa?

 

Bakkeewwan 6 Addunyaarraa sa'a 24 ifa aduu qofa beektaa?


Bakkeewwan 6 Addunyaarraa sa'a 24 ifa aduu qofa beektaa?

Bakkeewwan addunyaa kana irraa aduun hin baane hedduutu jira. Iddoowwan kana halkan yeroo baay'eef tura. Faallaa kanaa garuu bakkeewwan kanneen kaan immoo gonkumaa halkan hin qabaatiin ji'oota lakkoofsisu. Isaan kana dubbisuu dandeessa.

Jireenya keenya guyya guyyaa keessatti sa'a 24 qabbu keessaa 12 ifa kan hafe immoo duukana. Bakkeewwan addunyaa kana irraa guyyaa 70f ifni aduu hin banne ykn aduun hin lixne nii beektaa?

1. Noorwey


Noorwey naannoo sarara Arkitiikti kan argamtu yoo taatu lafa aduu halkan walakkaa jedhamuun beekkamti. Aduun xumura ji'a Caamsaa irraa hanga Adoolessaatti gonkumayyuu hin lixxu. Kana jechuun aduun sa'a 76 hin lixxu jechuudha. Kutaa biyya Noorwey Isvaalnardi jedhamu handaara kaaba ardii Awurooppaa yommuu taatu aduun walitti fufinsaan ji'oota Eebila 10 hanga Hagayya 23tti ifti. Gara biyya kanaa deemtee ji'oota kanaaf guyyaa duukana hin qabne jiraachuu dandeessa.


2. Ayisland

Biyyoota cabbii jidhamuun beekkaman keessaa Ayislandi biyya ballinaan sadarkaa lammaffaa irratti argamu yoo taatu biyya bookee hin qabne jedhamuun beekkamti. Ji'a Waxabajjii keessa aduun gonkumaa hin lixxu.

3. Baarrowu, Alaskaa


Xumura ji'a Caamsaa irraa hanga Adoolessaatti aduun kunis jalqaba ji'a Sadaasa irraa ka'uun guyyoota 30f aduun gonkumaa kan hin baaneen bakka bu'a. Biyyoota ji'ootaaf duukkana keessa jiraatan beekuuf (as tuqii). Kana jechuun biyyattiin ji'oota gannaa keessa dukkanaan uwwifamtee jiraatti jechuudha. Yoom raawwachuu barbaadda? Gannamoo bona?

4. Fiinlaandi.

Biyya kanatti immoo guyyoota 73f aduun otoo hin lixin turuun ajab jechisiisa. Yeroo kana aduun guyyoota 73f walitti fufinsaan ifti. Sababa kana irraa kan ka'e namoonni biyya sana keessa jiraatan ji'a gannaa yeroo muraasa, ji'a bonaa immoo yeroo dheeraa ta'uu amaleefatan. Yoo carraa argattee daawwate mana igiluu keessatti yeroo dabarsuu dandeessa.

5. Iswiidin


Jalqaba ji'a Caamsaa irraa hanga xumura ji'a Hagayyaatti aduun halkan walakkaa lixuun ganama sa'aatii 4tti baati. Haala kanan biyyattiin ji'oota 6f kan turu yoo taatu deemtee daawwachuu guyyoota hedduu dabarsuu dandeessa.

6. Nunavut, Kanaadaa

Nunavut magaalaa namoonni kumni 30 ga'an keessa jiraatan yommuu taatu sarara Arkitiikti irraa digirii lama gara kaabaatti kaaba-lixa Kanaadaatti argamti. Magaalaan kun ji'oota lamaaf ifa aduu 24x7 kan argamtu yoo ta'u yeroo gannaa guyyoota 30f walitti fufinsaan dukkana keessa jiraatu. 


 Wantoota 10n dubartoonni dhiira irraa jibban. AS TUQI



Odeeffanoo kanneen olii keessaa kamtu isin gammachachiise comment gadii irratti nuuf barreessaa. 


Akkasumas gaaffii qabdan yoo jraate asumaan nuuf barreessaa. 

HANGA XUMURAATTI WAAN DUBBISTANIIF GALANNI KEENYA GUDDAADHA!!!

KARAA MIDIYAALEE HAWAASAA KEENYA NU HORDOFUU NI DANDEESSU. ISAS MALLATTOOLEE MIDIYAALEE GADITTI ARGITAN TUQUUN WAAN ISIN BARBAACHISU ARGACHUU DANDEESSU. BAAY'EE GALATOOMAA

1 Comments

Previous Post Next Post